
Itti Gaafatamaa PB:
Obbo Habtaamuu Tasfaayee
Kabajamtoota Hordoftoota marsariitii waajjira Paartii Badhaadhinaa(Prosperity Party)!
Paartii Badhaadhinaa(Prosperity Party), Paartii Biyyaalessaa kan ta’eefi saboota lakkoofsa xiqqaa qaban kan hammateefi hirmaachise, bakka bu’ummaafi gahumsa bu’uura godhatee walitti hidhamiinsa murtee kennuu akka cimuuf haala kan mijeessee dha.
Paartiin keenya “Biyyi keenya hunda keenyaaf” yaada jedhamu qabachuufi hanqina yaadaa cehuudhaan biyya badhaateefi lammiilee hundaaf mijooftuu taate uumuuf qabsaa’a.
Qabsoon keenya bu'a qabeessa kan ta'u, yoo hirmaannaan keessan jiraate qofaadha. Nu hordofaa, yaada keessan nuuf gumaachaa.
Waltajii gamaaggama raawwii karoora hanga kurmaana 3ffaa magaalaa harar galma poolisiitti waxabajjii 20 hang b30tti gaggeessuudhaaf karoorfanneerra.Aanaa irraa itti gaafatamaan wajjira PB aanaa, itti gaafatamaan damee siyaasaafi ijaarsaa gabaasa keessan hard copy fi sooft koopiin paawar pooyintiin qopheeffattanii waxabajjii guyyaa 24 harar galtanii akka bultan isin hubachiifna
Ogeessa maxxanse:Johar Aliyyi Umar | Guyyaa: 3 Cam 2018

Itti Gaafatamaa Ijaarsaa:
Adde Aziizaa Daawwid
Jaalatamtoota Hordoftoota Marsariitii Waajjira Paartii Badhaadhinaa!
Sagantaan keenya misooma hawaasummaa tokkummaa sabdaneessa bu’uura taasifatee, tokkummaa biyyaa kan cimsu ta’ee,
kaayyoon sagantaa hawaasummaa paartii keenyaa ibsituu ta’a.
Kana fiixaan baasuuf damee misooma hawaasummaatiin itti
fayyadama qonnaan bultootaa, horsiisee bultootaafi jiraattota
magaalaa galii gadi-aanaa argatanii mirkaneessuuf paartiin
keenya ni hojjeta.

Itti Gaafatamaa/tuu Siyaasaa:
Obbo Alamaayahu Tamuu
Kabajamtoota Hordoftoota marsariitii waajjira Paartii Badhaadhinaa;
Barnoota gocha irratti xiyyeeffateefi jireenya irratti gahee
qabu kennuuf sagantichi sirreeffamee hojiirra akka ooluuf
paartiin keenya ni qabsaa’a.
Paartiin keenya ol’aantummaan dhaqabummaa
barnootaa mirkaneessee sadarkaa barnootaa hundumattuu
qulqullina barnootaa guddisuu kaayyoo ol’aanaa taasifachuun
qabsaa’a. Barsiisonni dandeettii fooyyaa’aafi naamusa gaarii
qabatanii, dhaloota beekumsaafi dandeettiifi naamusa gaarii
horatan, akkasumas kabaja ogummaafi faayidaa akka argataniif
sagantaa misooma barsiisotaa biyyaalessaa fooy’essuuf paartiin
keenya ni hojjeta.
Hordoftoota keenya, waajjirri Paartii Badhaadhinaa Godina Harargee Bahaa, aanaalee daangaa bulchinsa godinicha keessa jiran 21 fi bulchinsa magaala 2 keessatti sirna diimokraasii dhogoomsuudhaaf waajjira halkaniifi guyyaa carraaqaa jiruudha.
Gara keenya dhufuu yoo barbaaddan, magaalaa Harar siidaa Raas Mokonnon fuullee irratti argan.

Google map'n yoo nu argachuu barbaaddan:
As cuqaasaa
Haqummaa, walqixxummaa fi tokkummaa ummataa dhugoomsuudhaan kabajaafi badhaadhina lammiilee mirkaneessuun ergama ijoo keenya.
Walumaagala Paartiin Badhaadhinaa: Injifannoo kan bal’isu, dogongora kan sirreessuu fi faayidaa egeree kan kabachiisu ta’uu isaa. Paartii qabsoo ummataan dhalatee fi mul’ata biyya jijjiiru kan qabu, Paartii sab-daneessa, Af-daneessa, dam-daneessa akkasumaas gurmaa’insaa fi caasseffama cimaa qabuu
Guyyaa Harraa mariin koonfaransii hundee diinagdee haala kanaan gaggeeffamaa iileera

Oduulee Maxxanfaman hunda ilaaluu yoo barbaaddan